|> Barattootni eebbifamtootnii fi qorumsa gahumsaa irra deebiin fudhatan websiticha banuun menu jalaa category “COC Models” jedhuun banuun akkaataa muummee keessaniitti banuun qorumsicha online qoramuun erga qorumsa coc online galee jiru qoramtanii xumurtanii booda xumurarratti submit all kan jedhu xuquun feedback deebii keessanii ilaaluun kan argattanii fi kan dhabdan akkasumas deebii sirriin kam tahuu akka qabu keessa deebitanii ilaaluu dandeessu. Dabalataan koorsii barbaaddan keessa deebitanii dubbisuuf akkaataa screenshot kanarratti agarsiifametti code koorsichaa galchuun search erga gootanii booda bantanii dubbisuu dandeessu.
|> Tokkoon tokkoon koorsiiwwaniif qabiyyee mojuulichaa kan galfameef yoo tahu tokkoon tokkoon boqonnaaleef quiz gaaffilee shan shan of keessaa qabu qophaa’eefii jira. Kanaafuu tokkoon tokkoon boqonnaa erga dubbistanii xumurtanii booda quiz boqonnichaa dubbisuun akka of madaaltan asumaan isin yaadachiisna.
Websiten elearning https://elearning.jcte.edu.et